mararoo misiroon dhaammattu
***********************
Oromoon aadaa, seenaafi eenyummaasaa haala addaddaatiin ibsata.
Keessumaa aadaasaa haala bareedaafi hawataa ta’een karaa addaddaatiin
ibsata. Aadaa Oromtichaa tarreessuun hanga urjii lakkaa’uu ulfaatullee
akka fakkeenyaatti aadaa nyaataa, uffannaa, fuudhaafi heerumaa,
ayyaaneeffannaa, walgargaarsaafi kanneen biroo kaasuun ni danda’ama.
Kanneen keessaa aadaa fuudhaafi heerumaa yoo ilaalle hawaasni
sabichaa hundi haala walfakkaatuun ga’ilasaa raawwata. Kaan naqataan,
kaan hawweedhaan, kaan sabbatamariidhaan kaan ammoo butiidhaan mana
dhaabbata(warrooma). Asirratti aadaan Oromitichaa inni jaallatamaafi
kabajamaan naqataan walfuuchuu ta’uusaati.
Eegaan akka aadaa Oromootti sirna fuudhaafi heeruma naqataatiin
gaa’elli kan raawwatu fedha gurbaafi intalaarratti yookiin fedha
maatiisaanirratti ta’uu danda’a. Kana keessattis kennaan barbaachisu
intalaafi maatiisheetiif ni kennama. Maatiin lameeniis waliigalanii
cidha beellamatu.
Yommuu guyyaan cidhaa torbanitti galus intalli kennamtuu
hiriyootashee waliin weedduu eegalti. Kunisa hanga guyyaa cidhaatti
galgala galgala ittuma fufa. Haaluma walfakkaatuun karaa gurbaatiinsi
hiriyootaafi obbolootasaatiin ni weeddifama. Wedduun cidhaa gama
lameenin taasifamu kunis arrabsoo, jajuufi mararoo kan of jalatti qabatu
ta’a nutis barreeffama keenya har’aatiin mararoo wayita cidhaa
weeddifamu ilaalchisuun barreeffama kitaaba ‘Wiirtuu Jiildii torbaffaa”
irraa argannee isiniif dhiheessina.
Mararoon damee afoola Oromoo keessaa isa tokko yoo ta’u, gama
dhiiraatiinis ta’e kan dubaraatiin walaloo humna garaa nama raasu kan
qabuudha. Haalli dalagaasaas (ittiin sirbamu) ta’e ergaansaa miira namaa
kan kakasuufi yaada gaddaa namatti naqee kan nama boosisuudha. Yeroo
baay’ee mararoon dubaraa meeshaa aadaa dibbeedhaan waa’ileeffamee waan
dhihaatuuf daran miidhagaadha.
Akka irranatti eeruuf yaalametti sirna fuudhaafi heeruma naqataa
keessatti intalliifi gurbaan kan walfuudhan fedhii maatiisaaniitiin
yookiin fedhii waliisaaniitiin ta’uu danda’a. Yeroo baay’ee garuu
keessumaa gama dubaraatiin fedhiinshee eegamaafi hinturre (amma haalonni
jijjiramaa jiraatan iyyuu).
Maarree dubarri tokko osoo isheen hinbarbaadin yommuu heerumsiisan
komeeshee mararoodhaan ibsatti. Kana garuu kan ibsattu fuulaa fuulatti
osoo hintaane guyyaa kennaa hiriyyootashee waliin dhoksaadhaan gara
boroo naanna’anii weeddisu. Akka armaan gadiitti:-
Heennaan haama yaa kaloo,
hin afiin ajjeerradhu,
seenaan dhaama yaa haadhakoo,
hinrafiin dhaggeeffadhu,
yoo rafteef qalbeeffadhuu… jechuudhaan quuqqaa garaashee haaloota
sadirratti hundaa’uu ibsachuu jalqabdi. Haaloonni quuqqaa kunneenis utuu
umrii malee heerumuu, fedhiin ala horiidhaan jijjiiramuufi
walcaalchiisu ta’uu danda’a. Mee kanneen tokko tokkoon haa ilaallu.
1. Umurii malee heerumuu:- Dubarri tokko sababa umrii malee ishee heerumsiisaniif akkana jettee komeeshee ibsatti.
A) Harmi koo hinbaanee, ni quuqxe malee,
Yaa aayyoolee koo,
Laanni koo hingeenyee, Yaa aayyoolee koo,
na quufte malee,
ulee geeshee muruu,
maaf na laatta haadha koo, anoo beekee hinbuluu.
B) Yaa abbaayyee koo,yaa aayyolee koo,
Maaltu maal ta’ee, kan badii ta’ee,
Cabaawoo hintuffannee,
Darbaawoo hindubbanne,
Yaa ayyoolee koo iddoo ciisakoo
gumbii dhaabbadhuu
Cabaa irbaatakoo dilbii kaawwadhuu,
Dibaa mataakoo samaa kaawwadhu.
C) Yaa obbolee koo,
Gadi bahaati, gorbatti siiksaa,
Guyyaa kennaa koo torbeetti hiiksaa,
Gaafa torbee koo kurnootti hiiksaa
Gaafa kurnookoo malli funyoo koo. jettee komee maatiisheerraa qabdu ibsatti.
Walaloo kana keessatti intalli akka heerumaaf hingeenye tokkooffaa
harmashee waabeeffachuudhaan ibsatti. Aadaa Oromoo keessatti mallattoo
ta’uudhaan waan ibsu qaba. Durba tokko “harmishee hin baane” yoo jedhamu
xiqqoo ta’uushee agarsiisa. Harmiishee ba’ee qomarraa yoo mul’atu garuu
geessuu ta’ushee mul’isa.
2. Fedhiin ala horiidhaan jijjiramuu:-
kanas akka armaan gadiitti ibsatti.
A) Waddeessa qe’ee murmurtuu hinseenee,
Murmurtaniiree guddiftuu ijoollee?
Haasooftuu qe’ee gurgurtu hinseene,
Gurgurtaniiree?
Ani ji’an se’e laftoo halkanii
Ani jiran se’e nattoo maltanii.
B) Yaa ayyooleekoo
Yommuun ani xinnoo, siree dhodhooftee, uruuruu jetta,
Amma maal goonaan, barcuma haaxoftee, qarshii lakkooftee, gurguruu jettaa?
Yommuu na biraa dirribee jettaa,
Dirribiin dhufnaan dirribee gattee
dirrib koo jettee,
Horiidhaaf jettee dhalakee gattaa?
Qarshii qiraacii darbattee keess-
aa, guchuma keessaa,
Dhalli bilaatii ergattee teessaa, dull-uma keessa
Walaloon kun heeruma bittaafi gurgurtaatti fakkeessuun ibsa. Akkuma
beekamu gurgurtaa keessatti horiin yookiin meeshaan gurguramu tokko
eenyuutti, meeqaaniifi yoom akka gurguramu murteessuuf yaada kennuu
hindanda’u. Intalli mararoo kana weddiftuus heerumni kanarraa adda akka
hintaane addeessuudhaan warra gurgurtaa gaggeessan sana komatti fedhiin
osoo hinta’iin horiif jecha haala kanaan ishee kennuunsaanii
gurgurtaarrayyuu darbee du’a akka itti fakkaate himatti.
Haa ta’u malee aadaa Oromoo keessatti dubarri hundi haala kanaan
heerumti jechuu miti. Garuu fedhiisheerra qabeenyi dhiiraa akka caalu
geeraraan yommuu ibsamu ni mul’ata. Fakkeenyaaf caalmaa abbaa horii
mul’isuuf akkanaan geeraru.
Naqamtee Kumsaatu caalaa,
Kumsaa Mooriitu Caalaa,
Naqatee durba fuudhuuf,
Abbaa horiitu caalaa,
Naqamtee Kumsaa Morii,
Na qabde gumjaan horii, jechuun kan geeraran kanumaafi.
Eegaan burqaan komee durba tokko fedhiidhaan ala horiidhaan jijjiramuu yoo ta’u inni sadaffaan ammoo walcaalchiisuudha.
3. Walcaalchiisuu:- Aadaa Oromoo keessatti yeroo hedduu ijoollee
dubaraarra dhiira caalsifachuun ni calaqqisa. Yommuu dubartiin tokko
dhiira deessuufi dubara deessullee gammachuun namonni mul’isan walqixa
miti (amma amma jijjiramoonni jiraatan illee). Yommuu weedduu da’umsaa
weeddisan illee akkan armaan gadiitti dhiira caalchisuun weeddisu turan.
Awwaaree jalli awwaara’ee,
Abdiisaa situ ayyaana’e,
Kan mutaan lilma sii ta’e,
Kan mucaan ilma sii ta’e.
Jechaa abbaa mucaatiif gammachuusaanii ibsu. Yommuu dubarrii dhalatte garuu baga ayyaanoofte hinjedhan.
Kana malees dubarrii heerumtee kan ormaa taati, dhiirimmoo yoo
fudheellee qe’ee warrasaatti hafa jedhanii waan amananiifis akkana
jedhu:-
Haadha farsoo naqxee,
Ilka maa hin naqanne,
Ilki cabee badaa,
Ilma lafee namaa,
Isatu namatti hafaa.
Eegaan dubarri Oromoo walcaalchisa kana waan beekaniif akka armaan gadiitti mararoosaanii dhaammatu.
A) Guduruu sirbuu gemboo daaddisuu,
Nuun duruu jibbuu obboo caalchiisuu
Obboon garaadha nutii halagaadha,
Obboon kan isaanii nummoo maal saanii?
B) Hindaaqqoon dhaltee qooxii jalattoo
Obbolee dhiiroo
Nan suuqqattanii kootii jalattoo
Kootiin kan keetii ani maal keetii? Jechuudhaan dhalootumarraa kaasanii
ishee akka lagaatti akka ilaalaniifi obboleeshaa warra dhiiraa ofitti
akka aansaa turan dubbatti. Kana malees obbolaan dhiiraas isheef osoo
ho’uu dhiisanii heerumaaf dabarsanii kennuusaaniif ni komatti.
Walumaa galatti, haalli dubarri heerumuuf jettuu mararoodhaan
yaadashee ibsattu garaagara ta’uullee qabiyyeensaa walirraa fageenya
qaba jennee hin amannu.
Dubbistoonni keenyas naannawa keessanitti dubarri naannawaa keessanii
heerumuuf jettu akkamiin mararoo akka dhaaaammattu yoo nuf ergitan ni
keessummeessina.
*********************************